| Laal Galoo too, Gullaalleen kan Tufaa Laal Galoo too, Gaara Abbichuuti turii Laal Galoo too, Galaan Finfinnee maarsee Laal Galoo too, Silaa akka jaalalaa Laal Galoo too, wal irraa hin fagaannuu Laal Galoo too, Jarati nu fageessee (X2) Diiganii gaara sanaa, Gaara diigamuu hin-mallee, Nu baasaan addaan baanee, nuu addaan bayuu hin-mallee. Soorettii haadha sooree, irbaanni-rra-buusa qabaa Seeqanii sesseeqanii, kan gar gar nu baasan jaraa—yii Koo Galaanee tiyyaa, Qotiyyoon abbaan didaa, yaa didaa harqootaa keessaa, Koo Galaanee tiyyaa, Qorra baraan dadhabee, morma kee jalattan dheessaaa…!! Koo Galaanee tiyyaa, Sululta loon hin tiksuu darabaatti galchiiraa, Koo Galaanee tiyyaa, Yooman dhufee si argaa ani si irraa fagoon jiraa. Maalan jiraa, maalan, jiraa, maalan jiraa, Yaa Gaa-laa-nee maalan jiraa caccabsee na nyaatee jiraa Ani hin jiruu… Ani hin jiruu, Ani hin jiruu Yaa Gaalaane, Ani hin jiruu Kukkutee na nyaate xurii Qotee qotee namichi sanyii darbatee Yaa Gaalaanee, Qotee qotee namichi sanyii darbatee Rafee hin buluu namni waan ormaa abdatee, Yaa Gaalaanee Maalan jiraa caccabsee na nyaatee jiraa Laal Galoo too, Gullaalleen kan Tufaa Laal Galoo too, Gaara Abbichuuti turii Laal Galoo too, Galaan Finfinnee maarsee Laal Galoo too, Silaa akka jaalalaa Laal Galoo too, wal irraa hin fagaannuu Laal Galoo too, Jarati nu fageessee (X2) Diiganii gaara sanaa Gaara diigamuu hin-mallee Nu baasaan addaan baanee nuu addaan bayuu hin-mallee. Soorettii haadha sooree irbaanni-rra-buusa qabaa Seeqanii sesseeqanii kan gar gar nu baasan jaraa-yii Koo Galaanee tiyyaa Farda siidaaf kaafanii, siidaa dabaliif suurii Koo Galaanee tiyyaa Erga nu dangeessanii barri turee buubbulee Koot Galaanee tiyyaa, Woddeessi ciraa gubee, Amboo irraa calaaqqisee Koot Galaanee tiyyaa Narraa fagaattee jedhee si yaaduun kiyya yoom hafee?? Maalan hafee, maalan…hafee, maalan hafe yaa Gaalaanee.. Maalan hafee, Caccabsee na nyaate lafee…….!! Ani hin jiruu, ani, hin jiruu, Ani hin jiruu, Yaa Gaalaane Ani hin jiruu Kukkutee na nyaate xurii Cuwwaa cuwwaa jettii, simbirrooni halkanii, Yaa Gaalaanee, Cuwwaa cuwwaa jettii simbirroon halkanii Nama garaan dhaane dirmammuu hin arganii Yaa Gaalaanee Maalan jiraa caccabsee na nyaatee jiraa Maalan jiraa Maalan jiraa Maalan jiraa Yaa Gaalaanee Maalan jiraa caccabsee na nyaatee jiraa Ani hin jiruu, Ani hin jiruu Ani hin jiruu yaa Gaal-aanee Ani hinjiruu kukkutee na nyaatee xurii… Qotee qotee namichi, sanyii darbatee yaa Gaalaane, Qotee qotee namichi sanyii darbatee Rafee hin buluu namni waan ormaa abdatee Yaa Gaalaanee Maalan jiraa, caccabsee na nyaatee jiraa. |